MOA – Sadaasa 14, 2009 – (Kanada) Yaadannoo Fincila diddaa garbrummaa sababii gochuudhan qindoomina Koree Kutaa Kanadaatin qindaawee konyaalee Kutaa Kanadaa guutuu keessati kabajamee oole. Kabajaa guyyaa seena qabeessa tahe kana kan haasawaan banan dura taa’aa ABO kutaa Kanadaa Jaal Yaddii Abdushakuur yammuu tahan isaanis waa’ee FDG laalchisee haasawa bal’aa godhan
Baniinsa ayyaanichaati aansuudhan akkuma sagantaa guyyichati Konyaalen ABO kutaa kaanaadaa ti fii caayalen ABO Kutaa Kanadaa walduraa duuban sagantaa adda addaa dhiheessun guyyaa kana miidhagsanii oolan. Guyyaa Ayyaana kanaa sababii gochuudhan miseenssi Shanee Gumii Gumii sabaa haasawa waa’ee FDG laalchisee ibsa kennan. Ibsa isaanii keessati Oromoon yeroo dura diina jalati kufee kaasee fincila adda addaa gochaa akka geggeessa as gahan himanii jiran. Fincilli Diddaa gabrummaa kan bara 2005 keessa goggeeffamee ture kan qindoomina cimaan yeroo takkati Oromiyaa guutuu keessati diina sossoosee ture tahuu ibsan.
Kana males guyyuma kana sababii gochuudhan artistoonni Oromoo kanneen kutaa kana keessati argaman walleelee fii weedduulee adda addaa dhiheessun hirmaattota walgahiilee naannoo adda addati godhaman onnee olkaasaa oolan. Hirmaattota walgahiilee kanarraa hirmaatan qofa osoo hin tahin hawaasni Oromoo kan biyy ambbaa qubatan gama saraaraa Paltalkin bal’inaan hirmaatanii oolan. Kurfiin saa’aa 8 waliti dhaabbate deemte tun maayyirrati injifannoon xumuramte.
Injifannoo Ummata Oromoof